Na Wal'aani : Eyasu Bayisa (New gospel Music Lyrics)

Опубликовано: 04 Август 2026
на канале: Eyasu Bayisa Official
426,267
6.9k

Lyrics

Dhukkubsadheen dhufe
wal'aansa barbaachan
fuula keetti argame
Yaada garaa kootu
Akka fedha keetti adeemuu dadhabe
Fayyaalessuummaa koo hunda akka ilaaltu fonqolchitee mara
Waanta siif hin taane akka ati buqqiftuuf Yesus sitti of kenneera
Na wal'aani waamara koo
Sisirreessi toorasaa hundumaa
Humnin ittiin siif bitamu
kankoo miti Yesus si harka jira ×2

#1
Dhi'ee hamma bari'u
si'iin gammachiisuuf
garaankoo ni hawwa
Akka yaadaaf fedhakeetti
deddebi'uuf yaadeen
adeemsa jalqaba
Ammas guyyaan haaraan
yeroo naaf dabalamu
akkum kaleessaati
Deddeebii nuffisiisaa
yaada qofaan guutame
kan hin hiikamne hojiitti ×2
Ammaa kaasee kun hunduu na haa ga'u
Na jijjiiri akkan si qofaadhaaf ta'u
Ayyaana keeti kan kana gochuu danda'u


       #2
Ba'aan keessan kan isinitti ulfaate
Kan dadhabdan hundi gara kootti koottaa
Ba'aa keessan isin irraa fuudheen
Lubbuu keessan ani nan boqochiisa
Akka jette ba'aakoo baattadheen
Laafinakoo hundamaa sitti himaa
Gara keettan fiiga
Furmaannoo si bira ×2